Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa dhaabbilee fayyaa tajaajila wal’aansaa sadarkaa 3ffaa laataniif liqii kennuufi

Finfinnee, Sadaasa 7, 2015(FBC)- Baankiin Misoomaa Ityoophiyaa dhaabbilee fayyaa tajaajila wal’aansaa baasii guddaa gaafataniifi biyyoota alaatti kennaman, tajaajila yaala fayyaa sadarkaa  3ffaa biyya keessatti kennuu danda’aniif tajaajila liqii kennuu eegaluuf ta’uu ibsame.

Pireezidaantiin baankichaa Dooktar Yohaannis Ayyaaleew, baankichi dhaabbilee fayyaa yaala fayyaa biyyoota alaatti kennaman biyya keessatti kennuu danda’an deeggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Damichaan qaamoleen deeggarsa gaafatan jiraachuufi piroojekticha baatiiwwan arfan dhufanitti raggaasisuuf karoorfamuu eeruusaanii TOI gabaaseera.

Hospitaalli sadarkaa 3ffaa ( Tertiary Hospital) meeshaalee ammayyaan deeggaramuun tajaajila yaala fayyaa guutuu kan kennu yoo ta’u, dhukkubsattoota riifariin hospitaalota sadarkaa 1ffaafi 2ffaarraa ergamaniif tajaajila fayyaa kan laatudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.