Yaa’iin bulchiinsa interneetii 17ffaan Ityoophiyaaf bu’aalee hedduu fida jedhame
Finfinnee, Sadaasa 6, 2015(FBC)-Yaa’iin bulchiinsa interneetii 17ffaan Ityoophiyaaf bu’aalee hedduu akka fidu ibsame.
Yaa’icha ilaalchisuun qaamoleen dhimmichi ilaallatuu ibsa miidiyaaleef kennaniiru.
Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Alii ibsicharratti, Ityoophiyaan bakkeewwan hawata tuurizimii qabaachuun yaa’ichaan walqabatee faayidaalee hedduu biyyattiif fida jedhan.
Yaa’ichi Ityoophiyarraa darbee Afrikaaf gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbataniiru.
Yaa’ichi karoora diinagdee dijitaalaa bara 2025 Ityoophiyaa galmaan ga’uuf gumaacha akka qabaatu eeranii, Ityoophiyaan yaa’ichaa keessummeessuutti kan gammaddu ta’uu kaasaniiru.
Yaa’ii bulchiinsa interneetii 17ffaarratti namoonni biyyoota garaagaraa kumni 2 fi 500 ni hirmaatu jedhamee eegama.
Yaa’ichi Sadaasa 19-23, 2015 Finfinneetti gaggeeffama.
Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.