Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa haleellaa Istaambuliitti raawwatameen miidhaa qaqqabeef gaddi itti dhaga’amuu ibse

Finfinnee, Sadaasa 5, 2015 (FBC) – Dhohiinsa gidduugala Istaambuliitti qaqqabeen miidhaa ga’eef gaddi itti dhaga’amuu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI ibsa baaseen eereera.

Dhohiinsa qaqqabe kanaan namoonni 6 ajjeefamuu fi 81 madaa’uu aanga’oonni Tarkii himaniiru.

Pireezidaantiin Tarkii Riisiip Taayip Erdogaan gochicha kan raawwate ni adabama jedhan ibsa gaazexessitootaaf laataniin.

Dubartiin tokko teessummarra daqiiqaawwan 40 erga taa’aa turtee daqiiqaa muraasaan booda dhohiinsichi muudachuu Ministirri Haqaa Tarkii Bakiir Bozdaag miidiyaaf himaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaa miidhaa qaqqabeef gaddi itti dhaga’amuu ibsuun, mootummaa fi ummata biyyattii maraaf jajjabina hawweera.

Mootummaa fi ummata Tarkii cinaa kan dhaabbatu ta’uu himeera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.