Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaa fi Ameerikaan nageenya waaraa addunyaaf biyyoota biroo waliin qindoominaan hojjechuu qabu-Shii Jiinping

Finfinnee, Sadaasa 5, 2015 (FBC) – Chaayinaa fi Ameerikaan nageenya waaraa addunyaaf biyyoota biroo waliin qindoominaan hojjechuu qabu jedhan Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpingi.

Biyyoonni lameen, walga’ii 17ffaa biyyoota Gareewwan 20’n (G20) irratti hirmaachuuf Indooneezhiyaa Baalii galaniiru.

Walga’ichaan duras dureewwan biyyoota lameenii dhimmoota garaagaraarratti mari’achuu CGTN gabaaseera.

Joo Baayidan Pireezidaanti Ameerikaa erga ta’aniin booda Shii Jiinping waliin wayita mari’atan kun kan jalqabaati jedhameera.

Marii isaaniin, Chaayinaan hariiroo Ameerikaa waliin jiruu caalmaan cimsuuf fedhii qabaachuu Shii Jiinpiingi dubbataniiru.

Shiin dabalataan, Beejiingii fi Waashiiingitan addunyaaf nageenya waaraa fi walta’iinsa fuuldureef walitti dhiyeenyaan hojjechuu qabu jedhan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.