Fana: At a Speed of Life!

Jilli FDRI hojiirra oolmaa karoora waliigaltee Piritooriyaa irratti Naayiroobiitti mari’achaa ture Finfinnee gal

Finfinnee, Sadaasa 4, 2015(FBC)- Jilli FDRI hojiirra oolmaa karoora waliigaltee Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti mallatteeffame irratti guyyoottaniif Keeniyaa Naayiroobiitti mari’achaa ture Finfinnee galeera.

Jilichi wayita Finfinnee gahu hoggantoota olaanoo mootummaan simannaan taasifameeraafi.

Itaamaajuurshuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan, kanaan dura nageenyaaf carraaqaa turre, mariin nageenyichaas carraa gaariidha jedhan.

Haala waliigalteen Piriitooriyaa gara hojiitti hiikamuu danda’urratti Naayiroobiitti mari’chuu kaasaniiru.

Nagaafi uummataaf jecha waliigaltee nageenyaa mallatteeffame hojiirra ni oolchina jedhaniiru.

Bu’uura waliigaltichaan mariin ajajoonni Raayyaa Ittisa Biyyaafi hidhattoota ABUT; karoora dhiyeessii deeggarsa namoomaa ariifachiisuu, tajaajiloota bu’uuraa jalqabsiisuufi hidhattoota ABUT hidhannoo hiikkachiisuu irratti  magaalaa Naayiroobitti taasisaa turan waliigalteen xumuruun isaanii kan yaadatamudha.

Qiddist Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.