Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa namoomaafi bu’uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruuf deeggarsi Birrii miiliyoona 21 taasifame

Finfinnee, Sadaasa 4, 2015(FBC)- Miseensonni diyaaspooraa Ityoophiyaa Saa’ud Arabiyaa jiraatan walitti bu’iinsa kaaba biyyattiitti uumamee ture hordofee lammiilee miidhamaniif deeggarsa namoomaafi bu’uuraalee miidhaman deebisanii ijaaruuf kan oolu Birrii miiliyoona 21 deeggarsa taasisan.

Saa’ud Arabiyaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Leencoo Baatiin, miseensotaafi gurmaa’iinsa diyaaspooraa hojii galii walitti qabuurratti hirmaannaa olaanaa taasisaniif waraqaa raga laataniiru.

Dabalataanis miseensota diyaaspooraa Saa’ud Arabiyaa haala ulfaataa keessatti deeggarsa taasisan galateeffachuun deeggarsi taasisan cimee akka itti fufu gaafachuu ragaan Embaasii Ityoophiyaa  Saa’ud Arabiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.