Fana: At a Speed of Life!

Tatamsa’inni dhibee busaa dabalaa waan jiruuf hawaasni maloota ittisaa hojiirra oolchu qaba-Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015(FBC)- Tatamsa’inni dhibee busaa dabalaa waan jiruuf hawaasni maloota ittisaa hojiirra oolchuun of eeggannoo akka taasisu Ministeerri Fayyaa hubachiise.

Agoobara fayyadamuu, naannawaa jireenyaatti keemikaala farraa bookee busaa biifuun malootaa ittisaa dhibechaa ta’uun ni yaadatama.

Dursaan Garee To’annoo fi Ittisa Dhibee Busaa Ministeera Fayyaa Guddisaa Asaffaa akka ibsanitti naannawaa garaagaraatti namoonni dhibee busaan qabamaa jiraan dabalaa jira.

Sadarkaa biyyaalessaatti hojiilee tatamsa’ina dhibee busaa hir’isuu gaggeeffamanis dhibechi deebi’ee dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara 2015 kurmaana jalqabaatti namoota miiliyoona 2.4 qorataman keessaa namoota kuma 648 fi 127’rratti dhibeen busaa argamuu himaniiru.

Dhibechis naannoolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibba Lixa Ityoophiyaatti bal’inaan mul’ateera jedhan.

Yerochi waqtii dhibeen busaa bal’inaan mudatu waan ta’eef, hawaasni yeroo kamiinuu caalaa daandilee ittisaa hojiirra oolchuun of eeggannoo barbaachisa taasisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Maddi :-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.