Fana: At a Speed of Life!

Koomishinarri Olaanaa Mirgoota Namoomaa mana hojii Poolisii Federaalaa daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015 (FBC)– Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Koomishinarri Olaanaa Mirgoota Namoomaa fi Bakka Bu’aa Naannawaa Gaanfa Afrikaa Gamtaa Afriikaa Maarseel Akpoovoo mana hojii muummichaa Poolisii Federaalaa Ityoophiyaa daawwataniiru.

Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammalaasha Gabramikaa’eel, marii koomishinaricha waliin taasisaniin, waggoottan afran darban riifoormii poolisii federaalatti gaggeeffaman ibsaniiru.

Komishinarichi Qajeelcha Waliigalaa Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaatti hojiilee qorannoo yakkaa teeknoolojii fayyadamuun hojjetaman daawwataniiru.

Akkasumas qajeelchichi qabiinsa mirga namoomaarratti bu’aalee galmeesserratti ibsii kennameera.

Mistar Maarseel Akpoovoon gama isaaniin riifoormiin dura qabiinsaa mirga namoomaa ilaalchisuun komii Poolisii Federaalaarrattii ka’aa turan yaadachiisuun, yeroo ammaa qabinsi mirga namoomaa ulaagaa idil addunyaa hordofaa jiraachuu fi jijjiiramni qabataman dhufuu dubbataniiru.

Jijjiiramni dhufes deeggaramuu fi jajjabaachuu akka qabu ibsanii, koomishinaroonni mirga namoomaa jijjiiramicha itti fufsiisuuf deeggarsa taasisuuf waadaa seenaniiru.

Daawwannicharratti Koomishinaraa Olaanaa Gorsaa Mirgoota Namoommaa Naannawaa Gaanfa Afriikaa Peerii Mibiboongis hirmaachuu ragaan Poolisii federaalaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.