Fana: At a Speed of Life!

Karoora bu’aalee misoomaa magaalattiitti hojiirra oolanirratti mari’atame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015 (FBC) – Hoggantoonni olaanoo Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee karoora bu’aalee misoomaa magaalattiitti hojiirra oolanirratti mari’ataniiru.

Waltajjii marichaarratti Kantiibaan Magaalattii Aadde Adaanech Abeebee, karoora murteessaa kana milkeessuuf miiraa ni dandeenyaan ka’uu qabna jedhan.

Kunis akka duula Ashaaraa magariisaa, misooma qamadiitti akka danda’amuu fi milkaa’uu mirkaneessineerra jedhaniiru.

Haaluma kanaan hawaasni humna qabuun qabeenyaa naannawaa isaa jiru gara bu’aatti jijjiiruu akka qabu ibsaniiru.

Wabii nyaataa mirkaneessuu, diinagdee dandamataa ijaaruu fi misoomaa ofii keenyarra darbee ollaaf akka ga’utti akkasumas, jireenyaa ummataa akka jijjiirutti xiyyeeffannaan hojjechuun ta’uu akka qabu hubachiisuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.