Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen koontirobaandii Birri miiliyoona 140 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2015 (FBC) –Meeshaaleen koontirobaandii Birrii miiliyoona 140 olitti tilmaamaman to’annoo jala olchuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Koomishinichi Onkololeessaa 25-Sadaasa 1’tti meeshaalee koontirobaandii galii Birrii miiliyoona 92.6 fi meeshaalee ba’ii Birri miiliyoona 49.1, waliigalaan Birrii miiliyoona 140.8 to’achuu ibseera.

Meeshaaleen koontirobaandii kunneenis, uffanaa, boba’aa, beeyladoota dhaabbii, meeshaalee elektrooniksii, buna, qorichaa, meeshaalee ijaarsa, konkolaattota, meeshaalee faayaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, baala sammuu hadoochu, zayiita nyaata fi maallaqaa qabamuu ragaan Koomishinii Gumurukaarra argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.