Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi ittigaafatamummaa uummataafi mootummaan itti laatame kutannoon ba’achuu qaba- Obbo Ordiin Badrii

Finfinnee, Sadaasa 02, 2015(FBC)- Hoggansi ittigaafatamummaa uummataafi mootummaan itti laatame kutannoon ba’achuu akka qabu Pireezidaantiin naannoo Hararii Obbo Ordiin Badriin yaadachiisan.

Manni Maree naannoo Hararii raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara baajataa 2015 gamaaggameera.

Naannichatti kurmaana jalqabaa bara kanaan lafti heektaarri kumni 11fi 578 sanyiin uwwifamuufi galii Birrii miiliyoonni 305.6 walitti qabamuu ibsameera.

Gama carraa hojii uumuun lammiilee kuma dhibba 6 fi kuma 38’f dhaabbiin, lammiilee 504’f ammoo yeroon carraan hojii uumamuu gabaasa gamaaggamicharratti dhiyaateen ifoomeera.

Ijaarsa dhaabbileerratti xiyyeeffannoon kennamuu akka qabuufi kenniinsa tajaajilaa sakatta’uun barbaachisaa ta’uu Obbo Ordiin yaadachiisaniiru.

Fooyya’iinsa piroojektoota kaappitaalaa irratti mul’atan cimsanii itti fufuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

Rakkoolee miidhagina magaalaafi ibsaa daandiirraan walqabatan hambisuuf akkasumas eegumsa naannoo Jagol irratti eegalame cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsuu TOI gabaaseera.

Kanaaf ammoo hoggansi ittigaafatamummaa uummanniifi mootummaani itti kenne kutannoon ba’achuu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.