Fana: At a Speed of Life!

Laabiraatoorii Albuudaa ijaaruuf waliigalteen Birrii biiliyoona 2.6 mallatteeffame

Finfinnee, Sadaasa 2, 2015 (FBC)– Laabiraatoorii Madaallii fi Qorannoo Albuudaa ijaarsisuuf waliigalteen Birrii biiliyoona 2.6 mallatteeffame.

Waliigaltichaas dhaabbata ‘SGS Group’ fi Ministeerri Albuudaa mallateessaniiru.

Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, “Laabiraatoorichi Birrii biiliyoona 2.6’n kan ijaaramu yoo ta’u, rakkoo damee diinagdee albuudaa kan furuu fi qulqullinaa albuudaa biyya keenyaa guddisuun gabaa albuudaa addunyaarratti dorgomtummaa keenya kan dabaluudha” jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.