Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana jalqabaa bara kanaan tajaajila reemitaansiirraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.3 argamuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 02, 2015(FBC)- Kurmaana jalqabaa bara 2015tti tajaajila reemitaansiirraa galiin Doolaarri biiliyoonni 1.3 argamuu Tajaajilli Diyaaspooraa beeksise.

Dabalataanis lakkoofsi herregaa diyaaspooraa kumni 2 ol banamuun kuufamni sharafa alaa Doolaarri miiliyoonni 2 ol argamuu ibsameera.

Kurmaana jalqabaa bara 2015tti diyaaspooraan gama paabilik dippiloomaasiifi diijitaal dippiloomaasii akkasumas galii walitti qabuun hirmaannaa olaanaa taasisuu Daayrektarri Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Indiriis eeran.

Maaneejimantiin Tajaajila Diyaaspooraa gamaaggama hojii kurmaana jalqabaa bara 2015 gaggeessuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.