Fana: At a Speed of Life!

Ejensichi tajaajiloota dhorkamanii turan eegaluun dura maxxansaaleerratti jijjiirama taasisuu beeksise

Finfinnee, Sadaasa 02, 2015(FBC)- Ejensiin Galmeessa Ragaalee Bu’uuraa Magaalaa Finfinnee tajaajiloota dhorkamanii turan eegaluun dura maxxansaaleerratti jijjiirama taasisuu beeksise.

Daayrektarri Olaanaan ejensichaa Yoonaas Alamaayyahu, tajaajilli haaromsa waraqaa eenyummaa magaalichatti addaan cite ture osoo hin eegaliin dura maxxansaaleerratti jijjiirama taasisuu ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan kardiiwwan guyyaa dhalootaa, gaa’elaa, hiikkaa, guddifachaa, du’aa, kan hin fuune yookaan hin heerumneefi waraqaa eenyummaa walitti qabuun guutumaa guutuutti dhabamsiisuun jijjiirama qabiyyeefi fooyya’iinsa dabalataa taasisuun maxxansi haaraan qophaa’uu eeraniiru.

Jijjiiramni taasifame ragaalee karaa seeraan alaa qophaa’an ittisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsuu ragaan ejensicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.