Fana: At a Speed of Life!

Sagantaa cufiinsa nyaataa manneen barnootaa fi jalqabsiisi pirojekti haaraa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 2, 2015 (FBC)– Sagantaan cufiinsa nyaataa manneen barnootaa hunda galeessaa biyya keessaa fi jalqabsiisa pirojektii haaraa gaggeeffamaa jira.

“Global Partnership For Education” Ministeeraa Barnootaa, ‘UNICEF’, fi dhaabbilee tumsitootaa naannolee waliin ta’uun, hojiirraa oolaa kan ture pirojktiin sagantaa nyaataa manneen barnootaa hundaa galeessaa biyya keessaa milkaa’inaan xumuramuu ibsameera.

Pirojektichi Muddee 1, 2020 hanga Fulbaana 30, 2020’tti hojiirraa oolaa tureera.

Pirojektichaan daa’immaan kuma 223 fi 301 sagantaa nyaataa manneen barnootaan deeggaramaa turuu fi hojiirra oolmaa sagantichaa fi kanneen biroon manneen barnootaa 648 waliin gahuun danda’ameera.

Dabalataan, deeggarsi biroon walqabatan meeshalee barnootaa, meeshaalee qulqullinaa shamarran guddatoof taasisuun, deeggarsa pirojektichaan taasifamaa ture manneen barnootaan ga’uun danda’ameera jedhame.

Milkaa’inaalee pirojektichaan argaman manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa filaman 578 naannolee ja’atti sagantaa nyaataa manneen barnootaa fi deeggarsaa walqabatan taasisuu itti fufsiisuuf deeggarsaa maallaqaa dabalataa raggaasiseera.

Pirojektiin haaraan bara Farnjootaa Sadaasa 1, 2022 hojiirraa oluu kan eegale yoo ta’u Muddee 31, 2023 akka xumuramu ibsameera.

Mintasinoot Mulugeetaatu gaabase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.