Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan bara 2030’tti lafa manca’ee hektaara miiliyoona 22 dabalataan deebistee bosonoomsuuf karoorfatteetti-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC)–Ityoophiyaan hanga bara 2030’tti lafa manca’e hektaara miiliyoona 22 dabalataan deebistee bosonaan uwwisuuf karoorfattee hojjechaa jiraachuu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Yaa’ii Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Ijipti Shaarmi Al Sheeyikitti gaggeeffamaa jirurratti sagantaa Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa ilaalchisuun ibsa taasisaniiru.

Ibsa isaaniin muuxannoo gama inisheetivii Ashaaraa Magariisaan jiruu fi hojiilee hojjetamaaniin bu’aalee argaman kaasaniiru.

Yaa’ii kanarratti Muummeen Ministiraa, jijjiramnii qabeenya qilleensaa yaaddoo hawaasa addunyaa ta’aa jiraachuu fi Gaanfi Afrikaas sababa kanaan hongee fi balaa lolaaf saaximaluu kaasaniiru.

Ityoophiyaan Qormaatilee kanneen gara carraatti jijjiiruuf hojjechaa akka jirtus ibsaniiru.

Annisaa haaromfamaa itti fufiinsa qabu lammiilee fi naannawichaaf dhiyeessuuf wayita hojjetamaa jirutti qabeenya uumamaa kunuunsuurratti xiyyeeffachuu ibsaniiru.

Karooraa waggoota 10 keessatti diinagdee magariisaa ijaaruu karoora ijoo taasifachuun hojjechuu jiraachuu himan.

Akkaataa waliigaltee Paarisitti, galma bara 2050tti hanga gadi lakkifamaa gaazii faalamaa zeerootti gadii buusuutiin, imaammata yeroo dheeraa gadi lakkifamaa gaazii faalaa gadaanaa hojiirra oolchuuf qophaa’uu ibsaniiru.

Deebisanii bosona dhabuu fi lafaa manca’ee deebisanii dandamchiisuun walqabatees, sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ityoophiyaa gumaacha dinqiisfatamuu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Hojiirraa oolmaa Ashaaraa Magaariisaa waggoota 4’n darbaniin biqiltuuwwan Biiliyoonni 25 dhaabamuu ibsaniiru.

Kana malees, bara 2030’tti lafa maca’ee hektaaraa 22 dabalataan bosonaan uwwisuuf karoorfachuu himanii, damechaa deeggaruufis adeemsa gurgurtaa kaarbooniin fandii magariisaa uumaa jiraachuu dubbatan.

Walcinaattis wabii nyaata hawaasa biyyattii mirkaneessuu fi madda galii uumuuf biqiltuuwwan nyaataaf oolan miiliyoona 500 dhaabuu eeraniiru.

Dabalataan, misoomni qamadii milkaa’ina bara kana galmaa’an ta’uu dubbataniiru.

Hidhii Guddichaa Haaromsa Ityoophiyaa biyyattii fi naannawichaaf madda annisaa murteessaa ta’uu ibsuun, Mootummaan Ityoophiyaa, carraa humna annisaa haaromfamaa babal’isaa jiraachuu himaniiru.

Galmoonni karoora biyyaalessaa qabaman milkaa’aa wayita jiranitti hojileen hafaan biroon akka jiraanis eeraniiru.

Ityoophiyaan ija dambalii dhiibbaa jijjiiramaa qabeenyaa qilleensaa keessa jiraachuu eeruun, tarkaanfiiwwan ittisaa yoo hojiirra hinoolfamne bara 2030’tti namoonni miiliyoona 100 ta’an hiyyummaa keessatti akka kufan ibsaniiru.

Ityoophiyaan hammeentaa gadi lakkifamaa kaarbooniin sadarkaa dhumaarra jiraattus jijjiirama qabeenya qilleensaaf saaxilamuun sirrii miti jedhaniiru.

Jijjiiramaa qabeenya qilleensaaf gumaacha muraasaa kan qaban miidhaa caaluuf saaxilmaa akka jiran kaasanii, biyyoonni jijjiirama qabeenya qilleensaa dhabuuf waadaa seenaan hojiirra oolchuu, deeggarsa faayinaasii barbaachisaa dhiyeessuu, miidhaa qaqqabaa jiru dhaabuu fi bu’aa caaluu argamsiisuuf adeemsa gurgurtaa kaarbooniin tumsa taasisuu akka qaban gaafataniiru.

Fedhii dhiyeessii faayinaansii fi teeknoolojii dabalaa dhufee guutuun kan yeroon itti darbee ta’uu kaasnii, waadaa galaman gara deeggarsaa fi qabeenyaa haaratti jijjiiramuu qabu jedhan.

Kufaatii hamaa miidhaa jijjiiramaa qabeenyaa qillensaa dhaabuuf yeroon gabaabbatus amma humna keenya cimsinee ka’uu qabna himan.

Ammas Afriikaan Ardittii fi lammiilee isheef jijjiirama feeti jechuun Muummeen Ministiraa Ityoophiyaa Abiy Ahimad yaa’ichaarratti dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.