Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa namoomaa saffisaan qaqqabsiisuuf gareen 4 hundaa’uun hojii eegale – TKM

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Deeggarsa namoomaa saffisaan qaqqabsiisuuf gareen 4 hundaa’ee hojii eegaluu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksise.

Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa deeggarsa namoomaa saffisaan qaqqabsiisuuf kan tumsu gareewwan 4 hundeessuun hojiitti galamuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa haala yeroo ilaalchisee lateen himeera.

Ministir Deetaan tajaajila Kominikeeshinii mootummaan Salamaawiit Kaasan dhimoota haala waqtaawaa biyyattii ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Waliigaltee nageenyaa mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifame hordofee iddoolee garaagaraa sababa waraanaan miidhaman hojiin deebisanii ijaaruu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuuf kooriidarii Afaar Abi’aalaa dabalaataan Karaa Goondar Kaabaa aanaalee Shiree fi ollaa isheef, akkasumas Kaaba Walloon, Qobboo – Allaamaaxaan daandiin banamuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Ergaa waliigaltee asii lammiilee kuma dhibba 1 fi kuma 8 oliif deeggarsi midhaan nyaataa dhiyaachuu eeraniiru.

Qamadiin kuntaalli kumni 16 dhiyaachuu Salamaawiit Kaasan himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.