Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan qabeenya albuudaa qabdu beeksiisuuf hojii baay’eetu irraa eegama – Pireezidaanti Saahilawarq Zawdee

Finfinnee, Sadaasa 1, 2015 (FBC) – Ityoophiyaan qabeenya albuudaa qabdu beeksiisuuf hojii baay’eetu irraa eegama jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Agarsiifni Albuudaa fi Teeknooloojii jalqabaa har’a bakka Pireezidaanti Saahilawarq Zawdeen argamanitti galma barkumeetti banameera.

Agarsiifni kun qophaa’uun isaa qabeenya Albuudaa Ityoophiyaan qabdu addunyaatti beeksisuuf carraa gaarii ta’uu Pireezidaanti Saahilawarq dubbataniiru.

Damichi hojmaata seeraan alaaf saaxilamaa ta’uu isaan xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu akka qabu hubachiisaniiru.

Albuunni uumama isaan dhumataa waan ta’eef sirnaan kunuunsuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.