Fana: At a Speed of Life!

Jilli Daayrektara Olaanaa Ejensii Nageenya Odeeffannoo Soomaaliyaan durfamu magaalaa Finfinnee gale

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2015 (FBC) – Jilli Daayrektara Olaanaa  Ejensii Nageenya Odeeffannoo Soomaaliyaa Mahaadi Mohaammadiin durfamu magaalaa Finfinnee galu Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa beeksise.

Jilichi Ityoophiyaatti guyyoota lamaaf daawwannaa hojii kan taasisu ta’uufi turtiisaan dhaabbilee nageenya odeeffannoo ni daawwataan kan eegamu ta’uu eerameera.

Jilichi shororkeessummaa ittisuuf waljijjiirraa odeeffannoo irratti, dameewwan ijaarsa dandeettiifi bobbii waloo nageenya naannawaa mirkaneessuuf taasifamurratti hoggantoota olaanoo Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa waliin marii kan taasisu ta’uus ibsa tajaajilichi Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.