Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Aspaaltii magaalaa Alii baasii Birrii biiliyoona 2 oliin ijaarame xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2015 (FBC) – Piroojektiin daandii aspaaltii konkiriitii riqicha Waabee magaalaa Alii baasii Birrii biiliyoona 2 oliin ijaarame xumuramuu ibsame.

Daandichi dheerina kiilomeetira 56.5 kan dheeratu yoo ta’u, ijaarsi isaa guutumaan guutuutti xumuramee tajaajilaaf banaa ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Ijaarsi daandichaa baasii Birrii biiliyoona 2fi miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 53 fi kuma 60 fi 671’n dhaabbata Ijaarsaa “Chaayinaa Koominikeeshin Konistiraakshin” jedhamuun ijaaramuu eerameera.

Baasiin ijaarsa isaa guutummaan guutuutti mootummaa Ityoophiyaan uwwifamuu ibsameera.

Daandichi magaalota Roobee, Aliifi Waabee kan walquunnasiisu ta’uus eerameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.