Fana: At a Speed of Life!

Waliigalticha hordofee hawaasni idil addunyaa deeggarsa taasiisuuf fedhii agarsiisaa jiru – Ministeera Alaa

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2015 (FBC) – Waliigalteen nageenyaa Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifame akka milkaa’u hawaasni idil addunyaa deeggarsa barbaachisu taasiisuuf fedhii agarsiisaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam hojiilee hariiroo alaa fi dippiloomaasii torbee kana keessa hojjetaman ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Hawaasni idil addunyaa waliigaltee nageenyaa Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifame akka milkaa’uuf deeggarsa barbaachisu taasiisuuf fedhii agarsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan biyyoonni garaagaraa, dhaabbileen idil addunyaa, Ardiilee fi dhaabbileen maallaqaa idil addunyaa waliigaltee nageenyaa Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifame kan deeggaran ta’uu ergaa dabarsaniin himuu isaanii eeraniiru.

Sababa waraanaan iddoolee miidhaman deebisanii dhaabuuf tattaaffii taasiifamu kan tumsan ta’uu ibsuu isaanii Ambaasaaddar Mallas Alame eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.