Fana: At a Speed of Life!

Daandiwwan ijaarsi isaanii sababoota garaagaraan adda citanii turan eegalaman

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2015 (FBC) – Daandiwwan ijaarsi isaanii sababoota garaagaraan adda citanii turan eegalamuu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise.

Haaluma kanaan Piroojektiiwwan daandii Qaallittii – Addababayii Tulluu Diimtuu, Daandii Marfata Addabaabayii Qaallittii – Bulbulaa – Addababayii Qiliinxoo har’a eegalamaniiru.

Piroojektiin Qaallittii – Tulluu Diimtuu walakkaan Aspaaltii uwwifamuun fi Riqichoonni 3 caasaaleen isaanii hojjetamuu isaan gariiniin tajaajilaaf banaa ta’uun kan yaadatamuudha.

Yaa ta’uutii piroojektichi sababa Faayinaansii fi rakkoo daangaa kabachiisuun ijaarsi isaa adda cite ture.

Rakkoo Faayinaansiin walqabatee uumame furuuf hanga Baankiin Egziimii Chaayinaa liqaa gadi lakkisutti baajata mootummaarraa bifa liqaan kaffaltiin raawwatamuun hojiin isaa akka xumuramu kaabineen magaalaa Finfinnee murtoo dabarsuun ni yaadatama.

Rakkooleen kunneen deeggarsa mootummaa bulchiinsa magaalichaarraa argameen furamuu isaan ijaarsi Piroojektichaa har’a ifatti eegaleera.

Piroojektichi % 56 irra kan jiru yoo ta’uu hanga Waxabajjii 30, 2015tti hojiin Aspaaltii uwwisuu sadarkaa jalqabaa xumuramuun tajaajila Tiraafikaaf banaa ta’a jedhamee kan eegamu ta’uu ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.