Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoonni Afrikaanonni jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf ambaasaaddaroota Arditti ta’anii hojjechuu qabu-Dooktar Ergoggee Tasfaayee

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015(FBC)– Dargaggoonni Afrikaanonni jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf ambaasaaddaroota Arditti ta’anii hojjechuu qabu jechuun Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayeen ibsan.

Yaa’iin dargaggoota moodelaa Gamtaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurameera.

Yaa’icharratti Dooktar Ergoggeen haasawaa taasisaniin, jijjiiramni qabeenya qilleenssaa qormaataa yeroo ammaa addunyaa ta’uu ibsan.

Biyyoonni Afrikaa garaagaraa sababa jijjiirama qabeenya qilleensaa kanaan balaawwan umamaaf saaxilamaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Gama kanaan rakkochaa dhaabuuf walta’iinsan hojjetamuu akka qabuu fi hirmaannaan dargaggootaas kana keessatti murteessaa ta’uu eeran.

Dargaggoonni Afrikaanonni, jijjiirama qabeenya qilleensaa kana gama ittisuutiin ambaasaaddara ta’anii hojjechuu akka qaban hubachiisuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.