Fana: At a Speed of Life!

Alii Birraa dhabuun gaddisiisaa ta’us mul’ataa fi hojiilee isaa itti fufsiisuun imaanaa nurra jiruudha-Obbo Ordiin Badirii

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015(FBC)– Alii Birraa dhabuun gaddisiisaa ta’us, mul’ataa fi hojiilee isaa itti fufsiisuun imaanaa nurraa eegamuudha jedhan Pireezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii.

Magaalaa Dirree Dhawaatti sirni gaggeessaa reeffaa Alii Birraarratti Obbo Ordiin haasawaa taasisaniin, Alii Birraa sabaa fi sablammoonni biyyatti kan itti boonaan ta’uu ibsaniiru.

Artisti Aliin hojiilee hedduu kan hojjetee fi hojiilee kanneenirraas waan hedduu baranneerra jedhan.

Keessumaa walqixxummaa, waliin jireenya, obbolummaa sabaa fi sablammootaaf taasiseef akka Mootummaa Naannoo Harariitti kabaja guddaa qabnaaf jedhaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaaris gama isaaniin, hojiilee aartii barootatti darban nuuf dhiisee darbeera jedhan.

Artisti hangaftichi akka jaallatametti, akka kabajametti kabajaa isaarraa utuu hinbu’iin hanga xumuraatti nama imaluu danda’eedha jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.