Fana: At a Speed of Life!

Godina Jimmaatti oomisha ruuzii walitti qabuun jalqabame

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015(FBC)– Godina Jimmaatti oomisha ruuzii waliti qabuun eegalamuu Waajjirrii Qonnaa fi Qabeenya Umamaa godinicha beeksise.

Godinichatti oomishni ruuzii bara oomisha 2013/14 lafa heektara kuma 2 aanaa afur keessatti eegalame bara oomisha 2014/15n gara heektara kuma 27tti guddisuun aanaalee 12 keessatti ruuziin kilaastaraan misoomaa jiraachuun eerameera.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Umamaa Godinichaa Obbo Mahaammadxahaa Abbaa Fiixaan, yeroo ammaa aanaalee 12 keessatti ruuzii waqti Gannaa oomishame walitti qabuun akka jalqabame himan.

Lafa ruuziin misoome heektara kuma 27 irraa callaan kuntaala miliyoona 1 ol argamaa jedhame kan abdatamu ta’uu himaniiru.

Bara oomisha itti aanuun lafa heektara kuma 60 ruuziin misoomsuf karoorri qabamus dubbataniiru.

Oomisha biyya alaarraa galuu hambisuuf karoora akka biyyaatti qabame galmaan gahuuf Godinni Jimmaa oomisha qamadiitti dabalataan oomisha ruuzii xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasiir ibsaniiru.

Bara itti aanuu aanoolee godinichaa hundaa keessatti oomishichi kan babal’imu ta’as jedhan.

Tamasgeen Allabbaachootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.