Fana: At a Speed of Life!

Qamadii gabaa alaatti erguuf qophiin taasifamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015 (FBC)- Qamadii gabaa alaatti erguuf qophii taasisa jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministeerichi akkataa qamadii gabaa alaatti dhiyyeessuun danda’amurratti alergitoota waliin mari’achuu ibseera.

Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Gabramasqaal Caalaa, Ityoophiyaan deeggarsa qamadii alarra galchuu bira darbuun qamaadii qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate gabaa alaaf dhiyeessuuf qophii xumuruu eeraniiru.

Qamadiin gara biyya alaatti kan ergamu dhiyeessi biyya keessaarra kan hafe ta’uu ibsuun, mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Ministir Deetaan Sirna Daldalaa fi Damee Kenninsa Eyyamaa Obbo Tashaalaa Baallihuu gamaa isaaniin, qamadiin gaba adduunyarratti dorgomaa ta’uuf dhimmi qulqullinaa mariif dhiyaachuu akka hinqabnee fi alergitootni hubannoo keessa galchuu akka qaban hubaachisuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.