Fana: At a Speed of Life!

Artist Aliin hojiileesaan nageenyaafi tokkummaa labseera- Obbo Adam Faaraahi

Finfinnee, Onkololeessa 29,2015 (FBC)- Artist Aliin hojiileesaan nageenyaafi tokkummaa labseera jedhan Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahi.

Obbo Adam Faaraahi sirna gaggeessaa reeffa Dooktara kabajaa Artist Alii Birraa Addabaabaayii Michummaatti gaggeeffameen haasawaa taasisaniin, Artist Aliin hojiilee isaan nageenyaafi tokkummaa labsuu ibsuun, artistii biyyaaf oolmaa guddaa oole ta’uu eeraniiru.

Alii Birraan duudhaalee ijoollee Dirree Dawaa hunda kan gonafate ta’uu ibsuun, garaa laafessa, kan qabu mara dabarsee kan kennu, nama namummaa qofaan kan kabajuufi jaallatu nama jaalalaati jedhan.

Hojiilee dinqisiisoo isaaniifi amala gaarii qabuun nama hunda biratti kan kabajamu, jaallatamuufi dinqisiifatamu ta’uu eeraniiru.

Haadha warraa, maatiifi firoottan, dinqisiifattootaafi uummata Ityoophiyaa maraaf jajjabina hawwaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.