Fana: At a Speed of Life!

Aliin nama ija isaa keessatti biyya isaa kunuunsuudha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015(FBC)– Artisti Alii Birraa nama ija isaa keessatti biyya isaa kunuunsuudha jechuun Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Ibsan.

Sirni gaggeessaa gootaa fi kabajaa biyyaalessaa Artisti Alii Birraa adeemsifamaa jira.

Sirna kanarratti Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasawaa taasisaniin, Artisti Alii Birraan qabasaa’aa, sagalee bilisummaa Oromoo, barsiisaa seena, duudhaa Oromooti jedhan.

Walqixxummaa obbolummaa fi tokkummaaf biyyaaf halkanii guyyaa nama hojjetee fi wareegama kaffaleedha darbeedha jedhanii Alii Birraa nama Oromummaa haasaan hinjiraanne gochaan jiraatedha himan.

Soda malee tokkumma fi walqixxummaa ummatootaaf nama hojjete, utuu dhibamuu nama ijaa isaa keessatti biyya isaa kunuunsuudha jechuun ibsaniiru.

Dhalota ijaaruun furmaata waan hundaa ta’uu hubatee, garbummaa sammuu keessa cabsuuf, ummannii barateen akka dammaquu fi umriisaa guutuu nama ummataa kakasee ta’uu eeraniiru.

Dabalataan Obbo Shimallis, ummanni hirkoo isaa fi haphee isaa tokkicha dhabuu himaniiru.

Ta’us, hojiiwwan isaa barabaraan nu faanaa jiraatu jedhan.

Afaanota hedduun sirbuun namni tokkummaa biyyaaf akka Alii Birratti hojjete akka hinjirres ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.