Fana: At a Speed of Life!

Alii Birraan galaanaa aartii keessaa nama ogummicha budduqsee ummataan gaheedha-WMI

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015(FBC)–Dooktarri Kabajaa Alii Birraan aartiin galaana ta’uutti kan amanu, galaana artii keessa ogummaa jiru budduqsee ummataan nama gaheedha jechuun Waldaan Muuziqeessitoota Ityoophiyaa ibse.

Sirni gaggeessaa Artisti Alii Birraa Addabaabayii Michummaatti gaggeeffamaa jira.

Sirna gaggeessa kanarratti Pireezidaantiin Waldaa Muziqeessitoota Ityoophiyaa Dooktara Kabajaa Daawwit Yifruu haasawaa taasisaniin, Alii Birraa ‘Aartiin Galaanaa’ jedhee kan amanuu fi galaana keessaa baasni ummataan ga’uun tattaaffii barbaachisaa jedhee nama amanuu ta’uu ibsaniiru.

Kanaanis Artisti Alii Birraa dhuunfaan nama waggoota 60 ol galanaa aartii keessa cuunfee baasee ummataan ga’eedha jedhan.

Kana malees, ogummaan Ityoophiyaa hangam akka ta’ee argisiiseera jedhanii, Artistoota keessumaa dargaggootaaf daandii argisiisuun ogummaan akka akkamiin akka dhiyaatu nama barsiise ta’uu ibsaniiru.

Bara jireenya isaatti wareegama ogummaaf kafaluun Ityoophiyaafis ta’e Oromoof olmaa guddaa nama oole ta’uu kaasaniiru.

Alii Birraa darbus, hojiileen isaa waan hindabarreef hojiilee isaa dhalootaaf dabarsuun gahee keenya jedhaniiru.

Pireezidaantiin Waldaa Muuziqeessitoota Oromoo Artist Tsaggaayee Dandanaa gama isaaniin Alii Birraan Artii Ityoophiyaaf Abbaa ta’uu fi Ityoophiyaa sadarkaa addunyaatti beeksisuu ibseera.

Alii Birraan ilmi namaa dhalatee waan hojjechuu qabu hojjeteera kan jedhan Artisti Tsaggaayeen Artist Alii Birraan tokkummaafi jaalala barsiisuun, hundi jaalala Aliirraa barachuu qaba jedheera.

Artist Alii Birraan artistoota Oromoo hedduuf daandii saaquu kaasuun, artistoota Oromoo biroo jajjabeessaa turuu eereera.

Sirboonni isaa walitti qabamanii Gola Hambaa keessa akka ol kaa’amanii gaafateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.