Fana: At a Speed of Life!

Artiist Alii Birraa galaa dhalootaaf kaa’ee darbeen bara baraan yaadatama – Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015 (FBC) –Artiist Alii Birraa galaa dhalootaaf kaa’ee darbeen bara baraan yaadatama jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa.

Obbo Fiqaaduun du’aan boqochuu Artiist Alii Birraan gaddi itti dhaga’amuu ibsaniiru.

Guutuun ibsa isaanii haala armaan gadiin dhiyaatera.

Doktarri kabajaa Artiist Alii Birraa waggoota 60 darbaniif hojiilee Aartii baraa baraan yaadataman hedduu dhalootaaf gumaacheera.

Artiist Alii Birraa uummata biyya keenyaatiif nama qaaliidha. Umurii isaa guutuu kennaa muuziqaa Rabbi badhaaseen tokkummaa, wal qixxummaa fi bilisummaa uummattootaatiif nama gumaachedha. Kanaafis Aliin nama bara baraan yaadatamudha.

Alii keessatti obbolummaa dhugaa, Wal qixxummaa fi tokkummaatu miidhagee mullata. Sagalee isaa miidhagaa dhageettiif toluun nageenya labsaa, jaalalaas dagaagsaa dhaloota sadii kan walitti hidhe Injiinerri Artii Oromoo kun samii ogummaa Aartii Ityoophiyaarratti ifee waggoota 60’f kan mul’atedha.

Artiin afaan waliin galtee addunyaa ta’uu gochaan kan dhugoomse Aliin Afaan Oromootiin qofa osoo hin taane Afaanota biyya keessaa fi biyyoota ollaa garaa garaatiin sirbuudhaan saboonni biyya kanaa akka walbeekan, walkabajan, wal mararfatan, waliin jiraataniifi eenyummaan isaanii sirnaan beekamuuf hojii bal’aa hojjeteera.

Lammiilee gidduuttis hariiroo fi walitti dhufeenyi jaalalan dabaalame akka dagaaguuf bu’uura cimaa kaa’ee darbeera.

Ityoophiyaanonni tokkummaaf obbolummaan akka jabeeffatan, barnootaaf beekumsaan akka qarooman, nageenyaan faayaamanii jaalalaan akka jiraatan daangaa tokko male labsee Ashaaraa cululuqaas kaa’eera.

“Jibbaa fi sanyummaan keessa kee jira taanaan ati ammallee jireenya hin jalqabne” jecha jedhuun kan beekamu Alii Birraa ergaawwan isaa guutuun dhama waliin jireenyaaf obbolummaatiin kan guutamaniidha.

Kallacha tokkummaa, bilisummaa fi wal qixxummaa kan ta’e Doktarri kabajaa Artiist Alii Birraa du’aan nurraa boqatus galaa dhalootaaf kaa’ee darbeen baraa baratti yaadatamaa jiraata.

Xumura irratti maatii, hiriyoota, dinqisiifattootaa fi uummata biyya keenyaa maraaf jajjabina hawwaa lubbuun isaa jannataan akka qananiituun hawwa.

Fiqaaduu Tasammaa

Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

Onkoloolessa 28,2015

Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.