Fana: At a Speed of Life!

Rakkooleen nageenyaa naannoo daangaatti uumaman marii hiikamuu qabu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2015(FBC)- Rakkooleen nageenyaa naannoo daangaatti uumaman marii fi wal hubannaadhaan hiikamuu akka qaban ibsame.

Rakkoo waldhabdee hawaasa naannoo daangaa Oromiyaafi Somaalee aanaa Gurraa Dhaamoleetti uumamaa ture furuudhaaf mariin waliinii gaggeeffameera.

Maricharratti hooggantoonni olaanoon Federaalaa, naannolee lamaanii, caasaaleen Godinaa fi Aanaa akkasumas jaarsoliin  biyyaa hirmaataniiru.

Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalf Aandu’aalam  waltajjicharratti yaada kennaniin, Waldhabdeen hawaasaa naannoo daangaatti uumamu marii fi wal hubannaadhaan furamuu qaba jedhan.

Rakkoo waldhabdee  hawaasa godina Baalee Aanaa Gurraa Dhaamolee fi naannoo Somaaleetti godina Liiban bu’uurarraa furuuf kallattiin Ministeera Nageenyaa fi Itti aantota Pirezidaantii naannolee lameeniin kaa’amuu ragaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.