Fana: At a Speed of Life!

Maaraatoonii Soweetoo Atileetonni Ityoophiyaa injifatan

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2015 (FBC)- Afrikaa Kibbaa Soweetottii dorgommii fiigicha maaraatoonii gaggeeffamerratti Atileetonni Ityoophiyaa olaantummaan xumuraniiru.

Fiigicha maaraatoonii dhiiraan Dhaabaa Ifaa fageenyicha sa’aatii 2 fi daqiiqaa 18 fi maayikiroo sekoondii 58’n 1ffaa yoo ba’u, Atileet Gaaddisaa Baqqalaa ammoo sa’aatii 2 fi daqiiqaa 19 fi maayikiroo sekoondii 58’n 2ffaa ba’uun xumureera.

Fiigicha maaraatoonii dubartootaan ammoo Caaltuu Badhoo sa’aatii 2 fi daqiiqaa 40 fi maayikiroo sekoondii 56’n 1ffaan xumurteetti.

Dorgommii fiigicha maaraatoonii Soweetoo baranaan dorgomtoonni kuma 20 ol hirmaachuu isaanii Aaye Witines gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.