Fana: At a Speed of Life!

Jilli Komishinar Lalisee Dhugaatiin durfamu Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraa gaafate

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Jilli Komishinii Turizimii Oromiyaa Aadde Lalisee Dhugaatiin durfamu Hospitaala Jeneeraala Adaamaatti argamuun Dooktara Kabajaa Artiist Alii Birraa gaafataneera.

Jilli komishinichaa Aadde Laliseen durfamu guyyaa har’aa magaalaa Adaamaatti qaamaan argamuun haala Fayyummaa isaanii daawwateera.

Dooktar Kabajaa Artiist Alii Birraa Asxaa Oromummaa qofa otoo hin taane, Umrii guutuu tokkummaa, jaalalaa fi nageenya hawaasa addunyaaf dhama’aa turuu isaanii Aadde Laliseen ibsaniiru.

Mallattoo tokkummaavfi jaalalaa ta’uu isaanii himuu ragaan Komishinii Turiizimii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.