Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaa fi Zimbaabuween tumsa dameewwan garaagaraan qaban guddisuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Ityoophiyaa fi Zimbaabuween tumsa dameewwan Geejjibaa fi bu’uuraalee misoomaan qaban caalmaatti guddisuuf waliigalaniiru.

Zimbaanuweetti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Rashiid Mohaammad Ministirra Ministeera Geejjibaa fi Barreessaa Bu’uuraalee misoonaa Zimbaabuwee Teewoodiiyes Chiinyaangaa waliin mari’ataniiru.

Tumsa damee Geejjibaa fi Bu’uuraalee misoomaa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf dhimmoota dandeessisaniratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.