Fana: At a Speed of Life!

Ameerikaan kuufama deeggarsa Yuukireeniif taasiftuu ifoomsite

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC)-Ameerikaan diroonii fi taankii dabalatee kuufama deeggarsa loltummaa Yuuroo miiliyoona 400 Yuukireeniif taasiftuu ifoomsite.

Waajjirri Ittisaa Ameerikaa taankota bara Gamtaa Sooviyeet turan, misaa’eloota farra xiyyaaraa fi dirooniiwwan deeggarsa loltummaa taasifamu keessatti kanneen hammachiifaman ta’uu beeksiseera.

Yeroo ammaa deeggarsa loltummaa kana Peentaagoon Yuukireeniif deeggarsa tikaa Doolaara biiliyoona 3 taasifamu keessaati jedheera.

Ameerikaan meehaalee kanneen dhiyeessitootaa fi gurgurtootarraa bituudhaan kallattiin Yuukireeniif kan dhiyeessitu ta’uu eerameera.

Haaluma kanaan taankota T72 jedhaman kanneen bara Gamtaa Sooviyeet hojjetamaanii fi irra deebiin fooyyeffaman, Haawuk misaa’el farraa xiyyaaraa, konkolaattota waraana hidhatan 250, dooniiwwan waraanaa meeshaa hidhatan, akkasumas dirooniiwwan kuma 1 fi 100 yuukireeniif ni dhiyaatu jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.