Fana: At a Speed of Life!

Abbootiin qabeenyaa gaaffii manneenii salphisuuf gahee isaanii akka bahatan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC)– Abbootiin qabeenyaa gaaffii manneenii jiraattota Magaalaa Finfinnee salphisuuf gahee isaanii akka bahatan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waamicha dhiyeessan.

Aadde Adaanech, gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti manneen Saakuur Riil Isteetiin ijaaraman 116 fi dhaabbata Alsaam Giruuppiin ijaaraman 360 dabalatee manneen daldalaa ijaaraman eebbisiisaniiru.

Manneen eebbifaman kunneen bakka qusachuun, qulqullinaan maqaa gaarii magaalattii kan jijjiiran, aadaa jireenyaa kan fooyyessan, carraa hojii umuuf gahee kan qabu ta’uu ibsaniru.

Gaaffii mana jireenyaa jiraattota Magaalaa Finfinnee deebisuuf tattaaffii mootummaan taasisu qofti bu’aa barbaadamuu fiduu akka hindandeenye eeran.

Magaalaa Finfinnee akkuma maqaashee haaraa fi miidhagduu taasisuuf, magaalattii haaromsuu keessatti gaheen seektara dhuunfaa olaanaa ta’uun, ammas dhiyeessii manneeniin hirmaachuun mootummaa cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.