Fana: At a Speed of Life!

Waldaaleen bifa haaraan gurmaa’anii hojjechuu qabu – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Waldaaleen Hojii Gamtaa bifa haaraan gurmaa’anii hojjechuu akka qaban Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin ibsan.

Torbeen sosochii fi riifoormii Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira.

Diinagdee biyyaa cimsuuf gurmuun hojjechuu fi hoggansa diinagdee hogganu kan barbaachisu ta’uu obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.

Waldaaleen hojii gamtaa akkaataa seeraa fi qajeelfamaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Waldaaleen ilaalama haaraan hojii isaanii sirnaan ba’uu qabu jedhan.

Haqummaa gabaa mirkaneessuuf waldaaleen hojii gamtaa murteessaa ta’uu Sadarkaa Itti aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Oromiyaa obbo Abdurahmaan Abdallaa eeraniiru.

Gabaa addunyaa keessatti dorgomaa ta’uuf qonnaan bultoonni gurmaa’uu akka qaban himuu isaanii OBN gabaaseera.

Naannoo Oromiyaa keessa waldaaleen hojii gamtaa kumni 20 ol, yuuniyeenonni 118 fi federeeshiniin 1 jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.