Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee Nageenyaa taasifame hojiirra oolchuuf ni hojjenna – BMNA

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2015 (FBC) – Waliigaltee Nageenyaa Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifame hojiirra oolchuuf kan hojjetu ta’uu Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Afaar beeksise.

Mootummaan naannichaa waliigalticha ilaalchisee ibsa laateera.

Waliigaltee nageenyaa Afrikaa Kibbaa Piriitooriyaatti Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasiifame haala faayidaa Ityoophiyaa eeguu fi heera mootummaa kabajeen xumuramuu ibseera,
Waliigaltichi nageenya Ityoophiyaa waaraan kan mirkaneessu, birmadummaa fi tokkummaa biyyaa kan kabachiisu ta’uu isaan hojiirra oolmaa isaaf kan hojjetu ta’uu himeera.

Hojiirra oolmaa isaa fi naannawaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf qaamni hundi dirqama isaa akka ba’u waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.