Waliigaltichi Ityoophiyaatti nageenya waaraa buusuuf boqonnaa haaraa kan banu – Oliiseengoo Obaasaanjoo
Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) –Waliigalteen Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifame Ityoophiyaatti nageenya waaraa buusuuf boqonnaa haaraa kan banu ta’uu Pireezidaantiin Naayijeeriyaa duraanii Oliiseengoo Obaasaanjoo ibsan.
Pireezidaantiin Naayijeeriyaa duraanii fi Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Oliiseengoo Obaasaanjoon waliigalteen Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti taasifame walitti bu’iinsa dhaabuun Ityoophiyaatti nageenya waaraa buusuuf boqonnaa haara ta’uu eeraniiru.
Waliigaltichi rakkoolee jiran waaraan furuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.
Haala faadiyaa waloo ummata Ityoophiyaa eegeen xumuramuun kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.