Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee daldalaa eeyyama isaaniin ala hojjetan 19 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) – Dhaabbilee daldalaa eeyyama kennameefiin ala hojjetan 19 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa beeksise.

Ministeerichi kurmaana jalqabaa bara kanaan dhaabbilee 206 irratti to’annoofi hordoffii taasisuu ibseera.

Bifuma kanaan to’annoofi hordoffii magaalaa Finfinneefi naannawaasheetti taasiseen dhaabbilee  eeyyamasaaniin ala hojjechaa turan 19 keessaa eeyyama dhaabbilee 11 irra dhorkii kaa’uufi 8 irratti ammoo tarkaanfii akeekkachiisa barreeffamaa fudhachuu eereera.

Gama biraan dhaabbileen 187 karaa seera qabeessa ta’een hojiisaanii hojjechaa jiraachuu mirkaneeffamuu ragaan ministeericharraa argamu ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.