Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirama indaastirii fi heddummina diinagdee irratti mariin waloo gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015(FBC)-Aanga’oonni olaanoo Gamtaa Afrika jijiirama indaastirii fi heddummina diinagdee irratti Niijeer Niyaamaatti marii waloo gaggeessaa jiru.

Marichi bara Faranjootaa Sadaasa 20, 2022 kan gaggeeffamu yaa’ii dureewwan indaastiralaayizeeshinii Afrikaa fi heddummina diinagdee bu’uureffachuun kan gaggeeffamaa jiruudha jedhame.

Maricharratti Ministir Deetaa Ministeera Idaastirii Hasan Mahaammad hirmaachaa jiraachuu ragaan Ministeera Indastiriirraa argame ni mul’isa.

Koomishiniin Gamtaa Afrikaa qaamolee dhimmichi ilaallatuu fi dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun yaa’ii dureewwan indaastiraalaayizeeshinii Afrikaa fi heddummina diinagdee, yaada bu’uuraa heddummina diinagdee fi indaastiraalaayizeeshinii hundaa galeessaa fi waaraarratti kan xiyyeeffateedha.

Haaluma kanaan fuuncaa sona qonnaa guddisuun daldalli alaa Afrikaa madaalawaa akka ta’uu fi hirkattummaa daldala alaa Doolaara biiliyoona 115’tti siqu akka hir’isu eerameera.

Fuuncaa sona indaastiriiwwan bizinasii qonnaa akka biyyattis ta’e Ardiitti jiran guddisuun ummata Afrikaa sooruu fi wabii nyaataa Ardittii mirkaneessuuf ni gumaacha jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.