Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin daldalaa Ityoo-Ingiliz magaalaa Landanitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) – Fooramiin daldalaa Ityoo-Ingiliz 4ffaan magaalaa Landan Embaasii Ityoophiyaatti  gaggeeffamaa jira.

Fooramichi  Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa, Dhaabbata Beeksisaa Waafaa, Ministeera Dhimma Alaa, Landanitti Embaasii Ityoophiyaafi Waldaa Daldaltoota Ingiliziin qophaa’uu ragaan Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaarraa argame ni mul’isa.

Fooramicharratti Ministira Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa obbo Gabramasqal Caalaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa, abbootii qabeenyaafi dhaabbilee dhuunfaa Ityoophiyaa milkaa’ina quubsaa galmeessisuun filataman akkasumas dhaabbileen Ingiliz kumni 1 ol hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.