Fana: At a Speed of Life!

Har’a Ityoophiyaafi nageenyi injifataniiru – Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015 (FBC) –Har’a Ityoophiyaa fi nageenyi injifataniiru jedhan Gorsaan Nageenyaa Muummee Ministiraa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.

Mootummaa Ityoophiyaa bakka bu’uun Afrikaa Kibbaatti marii nageenyaarratti hirmaachaa kan turan Ambaasaaddar Reedwaan, Ityoophiyaanotaa fi michuuwwan Ityoophiyaa hundaaf ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ana gammachuu ibsuu hin dandeenyetu natti dhagahame jedhan Fuula Tiwiitarii isaaniin.

Guyyaa har’aa injifannoon Ityoophiyaa fi nageenyi walargataniiru jedhan.

Imala fuulduraa fi abdii cimaa uumuuf hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaaniiru.

Mariin Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti gaggeeffamaa tures haala heera mootummaa fi faayidaa biyyaalessaa Ityoophiyaa eegeen xumuramuu eeraniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.