Fana: At a Speed of Life!

Pireezidantiin Mana Maree Gamtaa Awurooppaa waliigalteerra ga’amuutti gammachuu isaanii ibsan

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC)– Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti marii nageenyaa tibbana gaggeeffame hordofee waliigalteerra ga’amuutti Pireezidantiin Mana Maree Gamtaa Awurooppaa Chaarles Miisheel gammachuu isaanii ibsan.

Chaarles Miisheel gamaa miidiyaa hawaasumma isaaniin akka ibsanitti, gami lameen mariisisummaa Gamtaa Afrikaan waliigalteerraa ga’uutti gammaduu ibsuun hojiirra oolmaa waliigaltechaafis murannoo akka qabaatan gaafataniiru.

Nageenya waaraa cimsuunis akka barbaachisu ibsan.

Deeggarsa namoomaa mirkaneessuu fi tajaajiloota bu’uuraa jalqabsiisuuf dursa kennuu qabu jedhan.

Gamtaan Awurooppaas deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Haaluma walfakkaatuun Gamtaan Awurooppaatti Bakka Bu’aan Addaa Gaanfaa Afrikaa Aaneet Webar, waliigaltechaan gammachuu itti dhaga’ame ibsuun waliigaltechi tarkaanfii jajjabeessaadhas jedhaniiru.

Gama miidiyaa hawaasummaa isaaniinis akka ibsanitti tattaaffii gami lameen taasisaniif galateeffatanii, nageenya waaraa fiduuf tarkaanfii qabatamaa akka barbaachisu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.