Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsaa Kaabaa nagaan furuuf mariin gaggeeffamaa ture heeraa mootummaa fi faayidaa Ityoophiyaa haala kabajeen xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC)– Walitti bu’iinsaa Kaabaa nagaan furuuf mariin gaggeeffamaa ture heeraa mootummaa fi faayidaa biyyaalessaa Ityoophiyaa haala kabajeen xumurameera.

Mariin nageenyaa Afriikaa Kibbaa Piritooriyaatti gaggeeffamaa ture wayita xumuramu waliigalteen irra ga’ame walitti bu’iinsaa itti fufiinsaan dhaabuudha.

Naannoo Tigiraayitti sirni heera mootummaa akka deebi’u waliigalteerra ga’ameera.

Waliigaltechaa keessa tokko biyyaa birmaduu tokko keessa humnoonni hidhatan lama akka hinjiraanne kan eerame yoo ta’u, bu’uuruma kanaan hidhattoonni ABUT hidhannoo kan hiikkatan ta’a.

Naannoo Tigiraayittis, tajaajiloonni bu’uuraa akka jalqabuus waliigalameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.