Fana: At a Speed of Life!

Wareegama ajaja kaabaa yaadachuun imaanaa keenya ni ba’anna- Raayyaa Ittisa Biyyaa

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015(FBC)- Wareegama ajaja kaabaa yaadachuun imaanaa keenya ni ba’anna jedhe Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa.

Ityoophiyaan seenaa ishee keessatti biyyoota oftuultota birmadummaa ishee sarbuun dhiibbaa irraan gahuuf yaalii taasisaniin qoramaa turuu yaadachiiseera.

Haa ta’u malee Ityoophiyaan goota horachuun waan beekamtuuf gootonni ijoolleeshee eeboofi gaachanaan loluun diina akka dhufanitti deebisuun biyya birmaduu dhaloota dhaalchisuu eereera.

Garee shororkeessaan ABUT jijjiirama biyyaalessaan booda saamicha biyyattii kufaatiif saaxile gaggeessuufi sababa kanaan aangoo mootummaa federaalaa dhabuusaan barii jijjiiramaa hoggantoonni garichaa jijjiirama biyyaalessaa fudhatama dhabsiisuuf hojjechaa turuu yaadachiiseera.

Ajajai Kaabaa bara 1990 eegalee Raayyaa teessoo isaaa Naannoo Tigiraay taasifate fi ummataa naannichaa waliin kan jiraate ta’uu ibseera.

Ajajichi dhaabbataa humna meeshaa fi namaa qabu guddaa akka ture kan yaadachiise Raayyaan Ittisa Biyyaa, Onkololeessa 24, 2013 gareen shororkeessaa ABUT gochaa gantummaa waltajjii addunyaarratti mul’atee hinbeekamneen gara jabinaan Raayyaa Ajaja Kaabaarratti haleellaa banuu yaadachiiseera.

Haleellichaanis Raayyaan ajajichaa garee ABUT’n jajjeefamuu, rumichaa fi waraabessaan nyaatamuu ibseera.

Reeffaa raayyaa ajajichaarratti dibbee rukutaa dhiichisaniirus jedha.
Hedduun isaanii madaa’uu fi qaama isaanii dhabuu, ukkaamfamanii beelaa fi dheebuudhaan adabamaa dararamaniiru.

Raayaan ukkaamfaman kunneen uleen reebamuu fi ajjeefamuu ibseera.

Dubartoonni miseensota raayyichaa dirqiin gudeedamuu eereera.

Gareen shororkeessaa ABUT Ajaja Kaabaa erga haleeleen boodaa sabummaan qooduun jaalleewwan hedduu filuun haa ajjeesu malee “kan koo “ kan jedhuun dhalattoota Tigiraay dhalattoota Tigiraay gochaa garechaa hintumsine, hoggantootaa ajaajichaa fi miseensota ajjeesuun gara jabummaa isaa argisiiseera jechuun ibsichaan eereera.

Ajajichi manneen barnootaa, dhaabbilee fayyaa ijaaruun, boola bishaanii qotuun ifaajjjii haadholii hambisuuf olmaa ooleef gatiin dadhabbii isaa irbaata rasaasaa garee ABUT ta’uu yaadachiiseera.

Gareen shororkeessaa ABUT waggootaa 20’f Raayyaa Ittisaa Ajaja Kaabaa ganuun kan waraane gurmuu ‘maafiyaa’ ta’uu ibseera.

Garechi haleellaan Onkololeessa 24 gahuu didnaan waraanaa biraa kan bane ta’uu kan eeree ibsi Raayyaa Ittisa Biyyaa kun Waxabajjii 2013 mootummaan gartokkeen tarkaanfii waraanaa dhaabuun Raayyaa Naannoo Tigiraay keessaa wayita baasutti, loltoota gammoojii keessa fa’anii turan walitti qabuun naannoo Afaarii fi Amaaraatti weerara banuu ibseera.

Weerara kanaan hoggantoonni garechaa Ityoophiyaa diiguuf sii’ooliinillee deemuun yoo irra jiraate, akka deemaan kakachaa dubbachuu fi naannolee Amaaraa fi Afaaritti, lammiilee homaa hinbeekne meeshaalee guguddaa itti dhukaasuu fi jumlaan ajjeesuun kakannaa isaanii gochaan argisiisaniiru jedha.

Dhaabbilee mootummaa hanga manneen qonnaan bultotaatti saamicha raawwachuu, mancaasuu fi gubaniiru.

Midhaan gubuu hangaa dubartoota daa’immanii fi monoksee diqisiisanii gudeeduu himeera.

Weerara eegalanis, haleellaa cimaa gootota Raayyaa Ittisaa Biyyaatiin adda-addaa caccabuun naannoo Amaaraa keessaa duguugamanii wayita ba’an, wayita mootummaan waliigaltee waraana dhaabuu taasisee jirutti Hagayya 18 weerara 3ffaa banuu eereera.

Daa’immanii hanga monoksee, gara addaa waraanaatti erguun ummata Tigiraayiin rasaasaaf wareeguu yaadachiisuun, diinota seenaa fi biyyaa keessaa waliin qindaa’uunis weerara banus, jabinaa irree Raayyaa Ittisaa dandamachuu akka hindandeenye ibseera.

Garechi qabeenya ummata Ityoophiyaarraa saameen namoota biyya alaa bituun olola afarsiisus bu’aan isa kisaaraa ta’uu himeera.

Ergama Ityoophiyaa diigu isaa milkeessuufis si’a tokko tokko waraanaan si’a kaan ammo mariidhaan yeroo bitachuun dandamachuuf, nuffii malee hojjechaa jiraachuu ibsuus, nuti garuu ilmaan abbootii keenyaa waan taaneef adda kamittuu ni qorra malee hininjifatamnu jechuun ibseera.

Gareen shororkeessaa ABUT jalqaba Ajaja Kaabaarratti, achiis ummata Ityoophiyaarratti haleellaan raawwatee fi weerarri bane bu’aan hordofsiise hanga har’aatti fulla’uun Ityoophiyaaf Ityoophiyaanota irratti kufaatii namoomaa, diingdee fi hawaasummaa akkasumas dhiibbaa idil addunyaa hordofsiisus, hundumaayyuu injifachaa jirra jedheera.

Waraanni gareen ABUT bane ofii isa ittiin dhabamuuf sadarkaa xumuraarra kan ga’e ta’uu kan ibsuu Raayyaan Ittisa Biyyaa, yeroo itti bu’aa wareegamaa fi injifannoo isaa yaadannu keessa jirra jedheera.

Nuti imaanaa kan nyaannu utuu hintaane obboloota keenya kabaja Ityoophiyaa fi tokkummaa eeguuf qabsoo taasifamuu galmaan ga’uuf wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uu eereera.

Gareen shororkeessaa ABUT dararaa fi haleellaan nurratti raawwate lakkaa’amee kan hindhumne, dhalootaanis dhiifama kan hinargamsiifneedha.

Haleellaa fi gochaan gara jabinaa obboloota keenyarratti raawwatame yoomiyyuu kan hindagatamne ta’us, nuti akka humna biyyaalessaa Ityoophiyaatti raayyaa ummataa fi biyya bu’uuressuun ittifufsiisnudha jedheera.

Kanaaf, miidhaa lakkaa’aa kan jiraannu utuu hintaane, ummataa Ityoophiyaa keessumaa ummata Tigiraay garbummaa fi hacuuccaa bara ABUT jalaa walaba baasuuf wareegama kaffalamee fi kaffalamaa jiru cimsinee itti fufsiisuun, jala bultii injifannoo dhumaa keessa jirrutti wareegamtoota yaadachaa, Ityoophiyaa kabachiisnee awwaalaa garee shororkeessaa ABUT irratti injifannoo keenya ni labsina jechuun Raayyaan Ittisa Biyyaa ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.