Fana: At a Speed of Life!

Onkololeessi 24 guyyaa RIB ganame addatti qajeelcha waliigalaa Raayyaa Ittisaatiin yaadatamee oola-Ministeericha

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2015 (FBC) – Gareen shororkeessaatiin guyyaan Raayyaan Ittisa Biyyaa ganamee Onkololeessi 24 Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisaatiin haalaa addaatiin yaadatamee akka oolu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksise.

Daayrektarri Quunnamtii Ummataa Ministeerichaa Koloneel Geetinnat Adaanaa onkololeessa 24 ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin, garee shororkeessaa kaayyoo biyya diiguu fi Raayyaa Ittisaa ganuun rayyaarratti haleellaa raawwachuu ibsaniiru.

Garechi gochaa ganuu raawwateen farraa ummataa fi biyyaa ta’uu kan raga baheedhas jedhaniiru.

Guyyichuu marsaa 2ffaaf yaadatamee kan oolu yoo ta’u, gama Qajeelcha Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Raayyaan Ittisaa bakka jiru hundaatti yaadatamee kan ooluudhas jedhaniiru.

Guyyichi yaadatamuun, gochaan badiisaa akkanaa irraa deebiin akka hinuumamne hubachiisuuf ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan, jibbaa fi haaloo ibsuuf utuu hintaane, gochaan kun irra deebiin akka hinraawwatamne barsiisuuf ta’uu hubachiisaaniiru.

Gareen shororkeessaa ABUT guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaarratti haleellaa bane Onkololeessi 24 waggaa 2ffaan mata duree “Onkololeessa 24 Yoomiyyuu Hinirraanfannu” jedhuun yaadatamee oola.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.