Fana: At a Speed of Life!

Armeeniyaa fi Azarbaajaan Nugoornoo Kaaraabaakitti Humnaa waraanaa fayyadamu dhaabuuf waliigalan

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2015 (FBC)- Armeeniyaa fi Azarbaajaan walitti bu’iinsaa daangaa isaanii furuuf gaarreen Nugoornoo Kaaraabaaki irratti humna waraanaa fayyadamuu dhaabuuf waliigalteerra ga’uun eerameera.

Pireezidaantiin Azarbaajaan Ilihaam Eliyoovii fi Muummee Ministiraa Armeeniyaa Niikool Paashiiniyaan guyyaa kaleessaa bakka Pireezidaantin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin argamaniti biyyoota lameen gidduutti waldhabdee mudate furuuf waliigalteerra ga’uu beeksisaniiru.

Dureewwan kunneen ibsa waloo baasaniin, humna waraanaa fayyadamuurraa of qusachuun waldhabdee mudatee irratti marii gaggeessuu fi birmadummaa waloo fi tokkummaa bulchiinsaa eegsisuuf waliigateerra ga’uun isaanii ibsameera.

Waliigaltechi kan gaggeeffame naannawaa daangaa biyyoota gamtaa duraanii Sooviyeet naannawaa gaarreen Nugoornoo Kaaraabaakitti walitti bu’iinsi mudachuu hordofeeti.

Baatii darbe biyyoota lameen gidduutti waldhabdee mudateen naannawichatti walitti bu’iinsa haaraa kan hordofsiise yoo ta’u, namoonni 286tti dhiyaatan gama lameenii du’uu Pirees TV’n gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.