Fana: At a Speed of Life!

Indaastiriiwwan Qonnaa badhaadhina biyyaaf ga’ee olaanaa qabu- Ministeera Indaastirii

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2015(FBC)-  Indaastiriiwwan Qonnaa badhaadhina biyyaaf ga’ee olaanaa qabaachuu Ministeerri Indaastirii ibse.

Magaalaa Hawaasaatti sagantaan Paarkii Qindaa’aa qindeessa Oomishaalee Qonnaa Yirgaalam abbootii qabeenyaaf beeksisuu gaggeeffamaa jira.

Ministirri Ministeera Indaastirii obbo Malaakuu Allabal, biyya misoomaan cimte uumuun dhalootaaf ceesisuun barbaachisaadha jedhan haasawaa saganticharratti taasisaniin.

Kanaaf ammoo abbootiin qabeenyaa dameelee garaagaraan Paarkiiwwan Qindaa’aa Qindeessa Oomishaalee Qonnaa keessatti hirmaatan gahee guddaa qabaachuu kaasaniiru.

Mootummaan biyyattii waanjoo hiyyummaa jalaa baasuuf xiyyeeffannoo addaan dame indaastirii babal’isuuf Birrii biiliyoona 29 ramadee hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Paarkii Qindaa’aa qindeessa Oomishaalee Qonnaa Yirgaalam babal’isuufi bu’uuraalee misoomaa barbaachisaa ta’an guutuuf baasii Birrii biiliyoona 6.65 ijaarsi isaa raawwatamuu addeessaniiru.

Pireezidaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leeddaamoon gamasaaniin, Ityoophiyaan biyya qabeenya uumamaan badhaate waan taateef qabeenya kana misoomsuun muummee guddinaarra ishee dhaabuun barbaachisaadha jedhan.

Guddina saffisiisuufi lammiilee hiyyummaa keessaa baasuuf abbootiin qabeenyaa indaastiriiwwan oomishaarratti akka hirmaataniif waamicha taasisaniiru.

Biqilaa Tufaafi Taammanaa Araggaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.