Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbilee fi namootaa shira diinagdee raawwatanirratti tarkaanfii fudhachuuf qorannoon gaggeeffamaa jira-Poolisii Federaalaa

Finfinnee, Onkololeessa18, 2015 (FBC)- Seeraan alaa maallaqa daddabarsuu fi shiroota diingdee biroorratti klanneen hirmaatan dhaabbilee fi namoota dhuunfaarratti tarkaanfii seeraa fudhachuuf qorannoo cimaan gaggeeffamaa jiraachuun Poolisiin Federaalaa Ityoophiyaa beeksise.

Shirri diinagdee, diinagdee dadhabsiisuun mootummaa fi biyyarraatti dhiibbaa uumuuf meeshaalee waraanaa seeraan alaa bituuf maallaqaa barbaachisu argachuu fi qaxxaamuraan duroomuuf gareewwan seeraan alaa gurmaa’uun shira uuman ta’uun ibsameera.

Ittaanaa Ittigaafatamaan Qajeelcha Olaanaa Qorannoo Yakkootaa Tooftaa Poolisii Federaalaa Koomishinaraa Ittaanaa Birhaanuu Abbabaa, shirri diinagdee gareewwan seeraan alaa dhiibbaa mootummaarratti uumuuf waraana sagalee maleessaa itti fayyadaman ta’uu ibsan.

Jijjiiramaan boodaa Ityoophiyaatti seeraan alaa badhaadhuuf, gibiraa waliin dhahuu akkasumas diinagdee dadhabsiisuuf daddabarsa maallaqaa irratti hirmaachaa jiraachuu bira ga’uu ibsaniiru.

Poolisiin Federaalaas Tajaajila Nageenyaa Faayinaasii fi Tajaajila Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun qorannoo gaggeesseen daldala seeraan alaa da’eeffachuun daddabarsaa maallaqaa seeraan alaa olaanaa keessatti kanneen hirmaatan herregni baankii dhaabbilee fi namoota 25 ugguramuu ibsaniiru.

Poolisiin qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun dhaabbilee fi namoota dhuunfaa 25 irratti qorannoo gaggeessuun yeroo gababaa keessatti Birri biiliyoona 5 fi miiliyoona 115 fi kuma 814 ol bittaa fi gurgurtaa malee sochoosuun akka bira ga’ame eeruu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.